19 Jun
Written by 

QAJEELFAMA ADABBII ITOOPHIYAA FOOYA’EE BAHEE Lakk-02/2006 IRRATTI HUNDAA’UUN ADABBII MURTEESSUU

Seerrii yakkaa meeshaa dudhaalee hawaasa tokko (adda addaa) kan calaqisiisuu fi tarkaanfachiisuu dha. Yakkii yeroo kamiyyuu hawaasa keessatti uummamuu kan danda’u waan ta’eef kanaan wal-qabate adabbii yakkamtoota irratti fudhatamuun isaa waan haafu miti. Kana taanaan akkaata murtiin adabbii ittiin murtaa’u waliin wal qabatee qabxiilee ka’uu qaban keessaa kaayyoon seera yakka nageenyafi tasgabbii hawaasa eeguuf akka meeshatti kan gargaaru ta’uu isaati. Hawaasicha kan eeguus yakkii akka hin raawwatamne ittisuun yoo ta’uu, kanas karaa ittin galmaan gahu keessaa tokko adabbiidha. Raawwattoonni yakka adabamuun isaanii, yakka biraa raawwachuu irraa akka of qusatan kan isaan taasisuu yommuu ta’u, darbees namoota yakka raawwataniifis akeekkachiisa ta’a.

Gama yakkoota muraasaatiin adabbiin hidhaa yookiin du’aa kan raawwatamu yoo ta’es yaadni inni duraa balleessitoonni yeroodhaaf ykn itti fufinsaan hawaasa irratti yakka akka hin raawwanne ittisuudha.  Akkas yommuu ta’us, adabbii du’aa irraa kan hafe balleessitoonni adabbiin hidhaa umurii guutuu itti murta’e yoo ta’anillee adabbii isaanii otoo hin fixiin korooraan gadi lakkifamuu ni danda’u. Gama yakkoota tokko tokkootiinis murtiin adabbii otoo hin kennamiin yookiin adabbiin yoo murta’es otoo hin raawwatamiin balleessitoonni daangaadhaan gadi lakkifamu ni danda’u. Kunis balleessitoonni jireenya nagaa akka gaggeessan kan taasisu yoo ta’uu; seerrii yakkiichaa balleessitoonni badii isaaniirraa akka barataniif iddoo ol’aanaa kennuu isaa agarsiisa.

Seeronni yakkaa biyyoota adda addaa adabbiilee gocha yakkaa rawwatamu hordofani dhufan kan of-keessatti kaa’an yoo ta’ellee adabbii hangam, gochafi yakkamaa akkamiitiif murtaa’u akka qabu jalamuranii hin kaa’ani. Seeronni yakka kun Abbootii Seeraatiif aangoo adabbii murtessuu bal’aa ta’ee kan kennaan waan ta’eef gochaafi yakkamaa wal-fakkaatu irratti adabbii gara garaa yeroo murtaa’u qabatamaan mul’achaa turera.  

Rakkoo kanarraa kan ka’ee adabbii yakkamtoota irratti kennamu sirrii fi kan wal-fakkaatu gochuudhaaf /dhimmoota walfakkaatan irratti adabbii walfakkaata karaa itti murteessan mijeessuuf/ Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Qajeelfama Adabbii Itoophiyaa 1/2002 baasudhaan Caamsaa Bara 2002 irraa ka’ee hojiitti galamee jira. Haata’u malee qajeelfamni kun rakkoo adda addaatiif kan saaxilamee ta’uu isaa hojii keessatti waan hubatameef gama tokkoon rakkoolee qabatamaan mul’atan kana furuudhaaf, karaa biraatiin immoo yakkoota muraasa sadarkaa fi gulantaa hin baaneef sadarkaa fi gulantaa baasuun barbaachiisaa ta’uun isaa waan itti amanameef qajeelfamni dur ture fooya’ee akka bahu taasifameera.  Kaayyyoon moojuuli kun qabus qajeelfama adabbii haaraa bahe kana beeksiisun hojii irraa olmaa isaatiif deegarsa barabaachisu hunda gochuudha.

Caasseffamni moojulii kanaa boqonnaa Sadiitti kan qoqqoodame yoo ta’uu boqonnaa tokkoffaa keessatti waa’ee adabbii akka waliigalaatti kan ilaalamu ta’e walitti dhufeenya adabbii fi bulchiinsii sirna haqaa qaban, murtessuu adabbii bu’aa qabeessa gochuudhaaf seeroota fi imaammata biyya keenya keessatti diriiran ni ilaalamu. Kanamalees adabbii murtessuu wajjiin wal-qabatee muuxannoowwan biyyoota adda addaa maal akka fakkaatu ni ilaalamu. Boqonnaa Lamaffaa keessatti qajeeltoowwan adabbii seera yakka Itoophiyaa, rakkowwaan qajeelfama adabbii Itoophiyaa 1/2002 keessatti mul’atan fi dhimootni waligalaa qajeelfama adabbii isaa haaraa keessatti hammataman kan ilaalaman ta’a. Kanamalees yakkoota qajeelfama adabbii kanaan sadarkaa fi gulantaan baheef keessaa kanneen qajeelfama adabbii 1/2002 keessatti sadarkaan baheef qajeelfama isa haaraa keessatti akka fooyya’an taasifaman boqonnaa kana jalatti haammatamaniiru. Boqonnaa sadaffaan guutumaan guutuutti yakkoota haaraa sadarkaan isaaniif qopha’ee irratti kan xiyeefate yommuu ta’u, waa’ee sababoota adabbii cimsaniifi salphisan boqonnaa kana jalatti gadifageenyaan xiinxalameera.Kunis leenjifamtoonni yakkoota sadarkaan baheefi hin banee addaan baasuun bu’uura qajeelfamiichaatiin akkamitti gara hojiitti jijjiru akka danda’amu hubannoo guutuu ta’e akka horatan ni taasisa.

Xumura leenjii moojulii kanaatti leenjifamtoonni:

Yaada waliigalaa kaayyoofi qajeeltoowwan adabbii seera yakka keenya jalatti kaa’aman ilaalchiise beekumsa duraan qaban irratti ni dabalatu.

Adabbiin yommuu murtaa’u imaammaata fi seeroota xiyyeefannoo barbaadan irratti hubannoo isaanii ni gabbifatu.

Yakkoota kanaan dura sadarkaa isaaniif bahee, qajeelfama adabbii isaa haaraa keessatti irra deebiin sadarkaan isaani haala kamiin fooyya’ee akka bahe hubachuun hojjirra ni olchu.

Yakkoota sadarkaan ba’ee fi hinbaaneef irratti hundaa’uun murtii kennuun dhimmoota qabatamoo fakkenyaan hojjatanii agarsiisuu ni danda’u.

 

Walumaagalatti murteessa adabbii keessatti hubannoo fi ogummaa murtii adabbii haala qajeelfamichaan murteesuu isaan dandeessisu ni gabbifatu, fakkeenyanis deeggaranii agarsiisuu ni danda’u.

Download the Full version (Afaan Oromo)

Tolosa Demie Jima

The blogger graduated from Mekelle University with LLB in 2007. From September 2007 up to May 2012 he has served as prosecutor in Oromia Justice Bureau from Woreda to regional Prosecutor level. Starting from June 2012, he is working as a Trainer at Oromia Justice Organ Professional Training and Legal Research Institute and Regional Prosecutor.